Magaalaa Shaggaritti leenjiin dandeettii raawwachiistummaa cimsuu maalummaa Qunnamtii Uummataa (PR) fi tooftaawwan yaa’insa Kominikeeshinii irratti xiyyeeffachuun PR seektaroolee Magaalichaaf kennameera.
Hojii Kominikeeshinii bu’a-qabeessaafi dhiibbaa gaarii uumuu danda’u taasisuuf hubannoo, gahumsaafi beekumsa ogeeyyii sadarkaan jiranii cimsuun yaa’insa odeeffannoo diriirsuun Mootummaafi Uummata gidduutti wal hubannaa gaarii uumuu keessatti gahee olaanaa qaba.
