Bulchiinsa Magaalaa Shaggar fi jiraattota ishee gidduutti qunnamtii ni hoogganna, ni qindeessina. Odeeffannoo si’ataa, sirrii fi iftoomina qabu mirkaneessuudhaan amantaa cimsina, odeeffannoo dogoggoraa ofirraa ittisna, lammiileen ajandaa misooma magaalattii waliin walitti hidhamiinsa akka qabaatan ni taasisa.
Bara 2030tti ummata ejjennoo mootummaa irratti hubannoo sirrii argatee imala badhaadhina eegale arguu.
Sirna komunikeeshiinii bu’a-qabeessa ta’e diriirsuudhaan mootummaafi ummata gidduutti wal-hubannaa gaarii uumuu
Ogummaa, Amanamummaa, kalaqa, tumsa, hafuura garee, dandamachuudhaaf iddoo guddaa kennina.






Kaayyoo Tarsiima'aa Magaala Keenya
Magaalaa eegeree, ammayyaa’aa,fi guddina dinagdee odeeffanno dijitaalaa irratti hundaa’e ijaaruu,akkasumas bu’uuraalee misoomaa, carraa hojii fi Aadaa,Duudhaa fi Seenaa Ummata Oromoo dagaagsuun karoora tarsiimawaan guddina hirmaachisaa milkeessuuf hojjenna.












Hojjettoonni keenya
Hojjettoonni keenya ogeessota of kennanii fi hojii hunda keessatti olaantummaa, kalaqa, fi amanamummaa of keessaa qabanidha.
Odeeffannoo dabalataaf caasaa waajjira keessoo keenyaa chaartii gurmaa’insaa irraa ilaalaa.
The Shaggar City Communication Office is dedicated to establishing a modern communication system that connects citizens and institutions with clarity and trust.
By fostering a national outlook and building a strong reputation, the office serves as the voice and vision of Shaggar City.