Waltajjiiwwan dijitaalaa Babal’isuu keessatti Milkaa’ina Guddaa

Waajjirri Komunikeeshinii Magaalaa Shaggar waltajjiiwwan miidiyaa dijitaalaa babal’isuun sirna qunnamtii ammayyaa ta’e baasuuf hojjechaa kan jiru yoo ta’u, kana galmaan ga’uuf akka tarkaanfii ta’etti marsariitiin (weebsaayitiin) isaa haaraan qophaa’eera.

Weebsaayitiin kun Shaggar BPO (Business Processing Outsourcing) tiin Waajjira Kominikeeshinii Magaalaa Shaggar waliin ta’uun kan hojjetamedha.

Itti aanaan Waajjira Kominikeeshinii Magaalaa Shaggar Obbo Eliyaas Sharafuu akka jedhanitti, waltajjiiwwan adda addaa babal’isuun sirna komunikeeshinii ammayyaa fi gatii madaalawaa ta’e uumuuf jirra.

Walumaagalatti, tattaaffiin komunikeeshinii magaalattii teeknooloojii fi tumsa jaarmiyaa waliin walitti dhiyeenyaan kan walqabatedha.

Share Now